Ezekiel 46:17 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo hojja hayyichi qooda lafa isaa toko nama isaa hojatuu kenne, lafti sunini gaafa ganni woi wolidebisani kaani mare, deebite; ta hayyu taati; lafti tama isaati isaafi ilmaani isaa ch'allaa halaalti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ilmi mooti'ii ka baallii qabu ammo gayee ufii qoodee hojjattoota ufii keessaa nama tokkoo yoo kenne ayyaana Iyyoobeeliyyu'uu ka woggaa shantameesso'ootti naannayee dhufutti ilma mooti'ii sanii haa deebi'uu; lafti sun ka isaa waan ta'eef baraa haga bara baraa ka isaatii fi ka ijoollee isaa ta'uu barbaachisa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qondaalli tokko lafa ifii irraa tajaajiltoota ifii keessaa tajaajilaa tokkoof yoo kenne ammoo haga woggaa bilisumma'aatitti ka isaa teetuu ti. Achiin duuba isiin qondaaltichaaf deebituu ti; latti sun ta isaa waan teeteef, ilmaan isaa qofaaf teetuu ti.