Ezekiel 46:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hayyichi naabo alaati d'ufe balbala ilaborutini dinqa seene, d'aatu mikhikila balbala eja, ka qaaloleeni sorio isaa gubde ammalle sorio isaa ta wold'ageetile baaftu. Achiti fulla balbalati inni Waaqa kad'ate gabahu male. Balbala suni haga aduuni d'iituti ch'ufuu himmalle.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ilmi mooti'ii kutaa seensaatiin gara bayima itti bayan ka keessaa seenee qasatoo balbala dallawaa bira dhaabata; gadoonni ammo ciincaa ciincawuu fi ciincaa fayyumma'aa ka inni qopheesse dhiyeessan; ilmi mooti'ii hulema dhaabatan irra uduma jiru achumatti sagada; achiin maayessa hin baya; balballi dallawaa ammo haga halkanii hin cufamu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qondaalli yennaa alaa dhufu karaa soroo karraatiin seenee, mikikkila karraa san bira dhaabbatuu ti. Hayyooti kennansa inni qopheesse kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa dhikeessanu ti; qondaaltichi adduma badhinna karraa sanitti sagaduu ti. Achiin duuba inni hin baya; karri ammoo haga galgalaatitti hin cufantu.