Ezekiel 46:9 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jila taatefu, biyyiti hojja wolti baate AABBO Waaqa kad'achu d'uftu, nami balbala mirgatini seene, eegi Waaqa kad'ate ha balbala bitatini bahuti, ka balbala bitatini seeneleeni ha balbala mirgatini bahuti. Nami tokoleeni balbala oli seeneeni bahu himaalle, ammo balbala taani d'ibiini bahu male.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Baniin guyyaa ayyaanaa kamuu hennaa Rabbii sagadu'uuf dhufan worri balbala dallawa gara kaabaatiin seenan balbala dallawa gara kibbaatiin haa bayanii; worri balbala dallawa gara kibbaatiin seenan balbala dallawa gara kaabaatiin haa bayanii; namni kamuu balbala seeneen hin bayin; ammo balbala biraa ka kolba balbala seeneetiin afoo jiruun bayuu isa barbaachisa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
« ‹Guyyoota jila beekkantee mara kolbaan lafa sanii Mootii Waan Maraa dura yennaa dhufanu, worri karaa karra kaabaatiin seene, karaa karra kibbaatiin bayanuu ti; worri karaa karra kibbaatiin seene, karaa karra kaabaatiin bayanuu ti; eennulle karaa karra seeneetiin hin bayin. Ammoo adoo gara hin galin gara duraa bayuu ti.