Ezekiel 47:10 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Maddo Engeditifi maddo Eneglaimu jiddu, nami qurt'umi guura afaani galaana ejaanje, qurt'umi guurate, t'urura ufi afate gossa. Qurt'umi gosa gosa ta muumme inqamneti achi jira, ta akuma galaana gudda keesa jirtu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri qurxummii qabu Eengaadii jalqabee haga Eeneglaayii ka'anii dhaabatan; huleen sun hulee woshaadoo itti dhaaban ta'a; qurxummii akka galaana Meeditiraaniyaanii keessatti argamuutitu galaana kana keessatti argama.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri qurxummii qabatu qarqara abbaayaa sooddaa hin dhaabbatan. En-Gedii jalqabee haga En-Eglaayimiititti lafa caccoo qurxummii ittiin qabatanu itti afatanu hin teeti; qurxummiin isi'ii akka qurxummii abbaayaa Mediteraaniya'aa qurxummii gosa adda addaa bacaa hin teeti.