Ezekiel 47:12 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Afaani galaana suni gama lachu mukeeni gosa heddu baate mid'aani namaa baafti. Baali isii haga jiru ingogu ammalle mukeeni tunini haga jirtu mid'aani d'alu illakiftu jia ch'ufa mid'aani baafti, wonti akanatiifi bisaani Mana Waaqa keesaa yaa kaaniti iti yaa. Mid'aani mukha suni sagale namaa tahani Baali isaaleeni qorsa namaa taha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Qarqara bisaanii gamaa gamanatti biqiltuu adda addaa ka nyaataaf fayyadantu jira; baalli isaanii hin gogu; daraaraa daraaruu hin dhiisan; bisaan mana woyyu'uu jala yaa'u waan argataniif ji'uma ji'aan daraaraa haarawa daraaran; daraaraan mukkiinii nyaataaf; baalli isaanii qorsoomaaf nama fayyada.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qarqara laga sanii gamaa fi gamana mukooti adda addaa ka sagalee te'anu hin latan. Isaan bisaan Galma Waaqaa jalaa burqu waan dhaggatanuuf, baalli isaanii hin qooru; midhaan isaaniille hin dhabamu; ji'uma ji'aan midhaan haareya buusan; midhaan isaanii nyaataaf, baalli isaanii qorsaaf hin te'a» jedhe.