Ezekiel 47:18 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Seeri lafa suni ka ilaboru lafa toko ta jiddu Damaskitifi ta Haurani iraa bahe bita qajeela. Duuba seeri sunini galaana Yordani gula deema; lafti Israeli gama ila aduti hafte, ta Gileadi ilaboruti hafti seeri sunini deemuma deeme, dira Tamari, ka d'aatu galaana soodati, eja.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Daangaan baya biiftu'uu daangaa biyya Damaasqo'ootii fi Hawuraanii jidduu lufee kolba galaana Meeditiraaniyaaniitiin Gili'aadii fi biyya Israa'elii keessa lufee galaana du'aatii fi Taamaariin gaya; kun daangaa gara baya biiftu'uuti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Meessaan karaa aduun baatuu Damaasqo'oo fi Hawuraan wodhakka'aan dabaree, laga Yordaanosii gula lafa Giil'aadiitii fi lafa Israa'elii wodhakkaa dabaree, gara abbaayaa sooddaa ta karaa aduun baatuu haga qachaa Taamaarii dhaqa; kun meessaa karaa aduun baatuu ti.