Ezekiel 47:22 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isiini haga jiru jireenna teesani taati. Nami gosa d'ibi ka isani woliini godaanu, ka ilmaani isani asi d'alateleeni, hojja isani lafa qoodattani worrileeni qooda lafaa argachu male. Worra suni akuma worra Israeliti hereguu malani, duuba worrileeni worra Israeli woliini hit'a buufate, qooda lafa argachuu male.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ristii baraa haga bara baraa isinii haa taatu; worri ormaa ka isin keessatti ijoollee horanii jiraatan hennaa isin lafa qoodamtan isaanillee gayee ufii haa argatanii; akkuma nama Israa'elii tokkootitti laallamanii gosa Israa'elii ka lafa qoodamu woliin hixaa isaanii buusuu barbaachisa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
isin ifii fi worra ormaa ka odduu teessan jiru ka ijoollee qabanuufille, dhaala godha'aatii hixaa buusa'aatii qoodama'a; isaan akkuma ijoollee Israa'elii ka worra dhalataa biyyaa te'anuu ti. Gosa Israa'elii oddu'utti hixaa buufatiisaan qooda lafaa qabaatanuu ti.