Ezekiel 47:5 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle inni d'und'uma kuma toko d'ibi biiminaani bisaani kaani na dabsatani anini keesa deemu dad'abe. Yo daakhani male dandaani intaakani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ammallee achi lufee ciqilee kuma tokkoo bikke; bisaan sun guddisee xiillaa waan ta'eef laga ani ceeyuu hin dandeenne ta'e; bisaan sun ka namni irra deemuu hin dandeennee fi daaka'aaf garuu guddisee xiilla'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Itti dabalee inni ciqilee kuma tokko mike; bisaan sun waan guuteeruuf, qilee ka nami daakiisaan malee gamatti bu'iisa hin dandeenne waan te'eef, anille keessa deemee gamatti bu'iisa hin dandeenne.