Ezekiel 48:1 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Seeri lafaa, ka moga mirga, Baariini Gudda iraa bahe, ila boru qajeele, Dira Hethlonitifi kara Hamathitifi dira Enonitifi seera lafa Damaskiti, ta Hamathi jiddu bahuni, baha. Gochiti ch'ufti abbu qooda lafaa toko argachuu male. Lafa worraa qoodani suni seeri isii gama ila boruti bahe ila adu qajeele, Baariini Guddati eja. Gochiti ch'ufti qooda lafa mirgaa fuute, bitaati d'aabde, akanaani wolgula argachuu malte: Dani Asheri Naftali Manase Efraimu Reubeni Yuda.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gofti lafa qoodamu'uuf galmaayan kanniin; gofti Daanii lafa gara kaabaatiin jiru tokko argatan; lafti tun karaa seensa Haamaatii gara Heetlooniitiin, achiillee kutaa gara kaabaa Damaasqo'oo fi Hatsari'eerii ka'ee haga daangaa Daanii gara baya biiftu'uutii jalqabee haga dhiya adu'uu gayee ufii argata.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Maqaan gosoota lafa qoodamiisaaf galmeeffamanee isaan kana: Karaa kaabaatiin gosi Daanii qooda tokko hin qabaata; meessaan isaalle abbaayaa Mediteraaniya'aa irraa ka'ee karaa qachaa Hetloonii dhaqu gula deemee gara seensuma Haamaatii, gara qachaa Hazar-Enonii dhaqa. Damaasqoo gara kaabaa lakkisee, meessaa karaa aduun baatuutii jalqabee haga meessaa karaa aduun seentuu ti.