Ezekiel 48:10 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Lafa qulqullo tana keesa qaaloleeni qooda ufi argachuu malte. Biimani qooda worraa, ta ilaboruti baate ila aduti ejitu, ejata kuma kud'ani lamafi d'ibba shani. Biimani isaa ta mirgaa baate bitaati ejitu, ejata kuma shani. Mana AABBO Waaqa lafa tana wod'akati jaaru malani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri gadootaa lafa woyyoome kana keessaa lafa argatan; lafti isaan argatan baya biiftu'uutii haga dhiya adu'uu dheerinna ciqilee kuma diddamii shaniitii fi dalga ciqilee kuma kudhanii argatan; manni woyyuun Rabbii jidduu san ta'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tun qooda woyyittii hayyootaa teetuu ti; karaa kaabaatiin dheerinni isaa ciqilee kuma diddamii shan, badhinni isaa karaa aduun seentuun ciqilee kuma kudhan, karaa aduun baatuun ciqilee kuma kudhan, karaa kibbaatiin dheerinni isaa ciqilee kuma diddamii shan te'ee, Galmi Waaqaa wodhakkaa isaatitti hin te'a.