Ezekiel 48:8 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Qooda lafa ka lafa Yudati aanu huji jabdu koba kayuu malani. Ballinni qooda suni, ka mirgaa bahe bitaati eju ejata kuma kud'ani lamatifi d'ibba shani. Ammalle d'eerinni isaaleeni, ka ilaboruti bahe ila aduti eju, qooda lafa ka gosa kennaniini qit'e taka. Mana Waaqa qooda kana keesati jaarani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin hulee lafa Yihuuda'aatiin wol qabate tokko qooddanii keettan; dheerinni hulee sanii ciqilee kuma diddamii shan; lafti kun gayee gosa biraatiinillee bayan biiftu'uutii jalqabee haga dhiya adu'uu wol qixa ta'a; huleen manni woyyu'uu itti argamu wodhakkaa kana.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Lafa Meessaa Yihuda'aatitti aantee, meessaa karaa aduun baatuu jalqaddee haga meessaa karaa aduun seentuutitti jirtu, qooda ati kennansa addaa gootee dhikeessitu teetuu ti; latti tun badhinni isi'ii ciqilee kuma diddamii shan, dheerinni isi'ii karaa aduun baatuu jalqaddee haga karaa aduun seentuutitti qooda gosa tokkoo woliin wol qixxee teetuu ti. Galmi Waaqaa wodhakkaa lafa saniititti ijaarratuu ti.