Ezekiel 5:10 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Maro waan kanatifi worri Yerusalemu ilmaani ufi nyaate, ilmaanileeni worra isaani nyaati. Anini isani gaargalche, nama keesani ka lubbuuni baheele lafa ch'ufa keesa gara ch'ufa firfirsa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Sababaa kanaaf maatiin Yerusaalemiin keessa jiraatan ijoollee ufii nyaatan; ijoolleen isaaniillee maatii ufii nyaatan; akka kanaan isin maraa adaba; worra hafe garuu kallattii arfaniinuu isaan bittinneessa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf si keessatti, abbootiin ijoollee ifii, ijoolleen abbootii ifii hin nyaatti; ani muraa si irratti hin fida; worra jiru'uun hafe gara mara hin bittinneessa» jedha.