Ezekiel 5:12 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami keesani hagi toko beelafi d'ukubaani dira keesati hobaa; hagi toko dira keesaa bahe alati goraadeeni gatani; duuba ka hafele gara ch'ufa gargari firfirse, gula deeme goraadeeni balleesa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Baniin keessan harka sadihi keessaa tokko beelaa fi dhukkubaan dhuma; harka sadihi keessaa tokko qacha'aan alatti guraade'een isaan fixa; harka sadihi keessaa tokko ka hafe garuu qilleensa gara arfanii keessa haga isaan bittinneesseen maayessa guraade'een isaan ari'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolbaan teeti harka sad keessaa harki tokko beelaa fi dhukkubaan si keessatti hin dhumatti; harka sad keessaa harki tokko adaala keetitti shallaaga'aan hin dhumatti; harka sad keessaa harka tokko gara mara bittinneessee, shallaagaa buqqifadhee isaan hin ari'a.