Ezekiel 5:2 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Qooda toko, eegi nyaapi dira marse kaani kae gale, dira keesati gubi, tokole, ato dira keesaa baate lafa martu, goraadeeni ch'iri. Ka hafe kaanile qilleensa keesati firfirsi, anati goraade tiyyaani faana deeme ch'ira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haga hennaan marfaman sun lufeen maayessa rifeensa qoodame keessaa tokko fuudhii faara baxxicha dhoqqee irraa hojjatame irratti gubi; ka lammeesso'oo keessaallee sadihi keessaa tokko fuudhii naannaya fakiin qachattii irratti kaafame faara baxxicha dhoqqee irraa hojjatame bira kaayi; ka sadeesso'oo garuu qilleensa keessa ol bittinneessi ani guraade'een isa ari'aa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyaan marfamiisaa yennaa hobba'e, rifeensa san harka sad keessa harka tokko wodhakkaa qachaa faara loobame irratti keyamee san irratti ibiddaan gubi; harka sad keessaa tokko qachaa faara loobame irratti kaachetti naannessii shallaaga'aan kukkuti. Harka sad keessaa tokko qilleensaaf bittinneessi; anille shallaagaa buqqifadhee isaan hin ari'a.