Ezekiel 5:7 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo worra Yerusalemu waan anini, AABBO Waaqi guddaani jed'u ch'aqasa. Waan isani aadaafi seera kiyya guutu diddaniifi isani gosa d'aatu teesani teetu ch'ufa ira woi yakitani, ammalle aada gosa d'ibi gula yaatani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Isin worra Yerusaalemiin keessa jiraattan! banii naannaya keessan jiran caalaa worra seera hin qabne taataniirtan; seeraa fi ajaja kiyya hin kabajjine; seera banii naannaya keessan jiraniitiinillee hin jiraanne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Isin worri Yerusaalemii, isin gosa biyya adda addaa ka naannoo teessan jiranu caalaa seeri malee teetaneertan; ajajaa fi seerata kiyyalle hin eeganne; akka ajaja gosa biyya adda addaa ka naannoo teessan jiranuutuu hin hujanne» jedha.