Ezekiel 6:11 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi guddaani waan jed'e, Harka raraasa, lafa d'id'iita, maro waan ch'eera hamtu worri Israeli taheeti jed'a boha. Worri woraanafi beelafi d'ukubaani raawata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Worra Israa'elii ka waan battummaa ufii maraaf beelaa, woraanaa fi bala'aan dhuman maraaf hobbaas! jedha'aa harka dhaya'aa lukaan lafa dhiita'aa gadda keessan mudhisaa'a!» jedhii iyyi.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Kolbaan Israa'elii sababa hujii hantuu battittii hujje maraatiif, shallaaga'aan, beelaa fi dhukkubaan waan dhumattuuf, harka dhowaa, miilaan lafa dhidhiitaa, ‹Aanne'e!› jedhii bowi.