Ezekiel 6:13 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Reefa worra fulla worri waaqoota isaani iti kad'atuufi fulla sorio irati baasanifi kubileefi gaareeni ch'ufa gubbaa, mukeeni dodotifi mukeeni gugurdole ch'ufa jalati firfirsani, fulla worri Waaqoota ufiiti sorio iti qalu ch'ufati. Duuba akanaani nami ch'ufti aka anini AABBO Waaqa beekha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Reeffi hedduu naannaya waaqolee tolfama'aatii fi naannaya hulee ciinca'aatitti tuulama; reeffi hedduu tulluuwwan gugurda'aa fi gaarran irratti akkasuma mukkiin lalisee fi odaawwan gugurdaa jalatti fi hulee isaan waan urgaayaa waaqolee tolfamaa ufiitii dhiyeessan maraa irratti kufan; hennaa san namoonni akka ani Rabbiin ta'e beekan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan keessaa worri qalame odduu waaqota dharaa ka isaanii adaala addee ciinca'aa ta isaaniititti, koobota dhedheertuu mara irratti, gaarota mara irratti, muka bisilee mara jalatti, qilxaa banqaaqaa mara jalatti, addee waaqota dharaa ka ifiitiif kennansa foolee dansaa qabu itti dhikeessane maratti, reeffi isaanii yennaa gombifame, ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beettan.