Ezekiel 6:14 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ee, anini harka kiyya olfud'ad'e, lafa worrale ch'ufa balleese, lafa gamooji ta bitaati fuud'e, dira Ribla ka mirgati d'aabe, ona tolche, ammalle nama Israeli ka keesa jiru ch'ufa bahu d'owa. Duuba akanaani nami ch'ufti aka anini AABBO Waaqa beekha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani dhugamaan harka kiyya diriirsee biyya isaanii balleessa; lafa gammoojji'ii ka kibbaatii jalqabee haga qachaa Ribila'aa ta gara kaabaatitti argamtuu ona isii taasisa; hulee worri Israa'elii irra jiraatan maraa tokko uduu hin hafne balleessa; hennaa san akka ani Rabbiin ta'e namoonni maruu hin beekan.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani harka kiyya isaan irratti diriirsee, addee isaan le'anu mara, lafa isaanii duwwaa godhee, goomolee kibbaa irraa jalqabee haga qachaa Diiblaa ka gara kaabaatitti hin onsa. Achiin duuba ani Mootii Waan Maraa akka te'e isaan hin beekan» jedhe.