Ezekiel 6:3 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
waan jettuuni, Isani gaareeni Israeli, waan AABBO Waaqi guddaani jed'u, d'agaya. AABBO Waaqi guddaani waan kubileefi gaareenifi godaafi baleeni jed'u, Dubbi tiyya d'agaya. Anini fulla nami waaqoota d'ara iti kad'atu woraana iti erga.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gaarran Israa'elii dubbii Rabbii maraa olii akka dhagayan isaanitti himi; dubbiin ani Rabbiin maraa olii dubbadhu gaarran, tulloonni, qileen hedduutii fi dhoondhi maruu haa dhagayanii; guraadee hulee isin itti sagaddan ka waaqa tolfama'aa san balleessu isaanitti ergaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
‹Ee, gaarota Israa'elii, jecha Goottaa Mootii Waan Maraa dhage'a'a! Goottaan Mootiin Waan Maraa, gaarotaa fi koobotaan, dareeraa fi dhooqaan: Kunoo, ani shallaagaa isinitti ergee, addee waaqonfanna'aa teessan hin balleessa.