Ezekiel 7:16 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hagiini aka sabaliisa bale keesaa rifatu rifate gaareeniti baqata. Nami ch'ufti ch'ubbu ufitifi laalefate boha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkuma handariin uf hambisu'uuf dhooqa keessaa gara gaaraa ol bayan akkasuma worri du'a irraa hafan yoo jiraatan uf hambisu'uuf jedhanii akkuma handari'ii gaara irra yaa'anii sababaa cubbuu ufiitiif mararoo gadda ufii dhageessisan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan keessaa worri miliqee hafe, sababa yakkaa ifiitiif, akka saphaliisa dhooqa keessaa, gaara irraa hin aadaan.