Ezekiel 7:19 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri worqifi qarsi ufi akuma huura kara keesati jissa, wonti akanatiifi qarsifi worqiini worraa dandeete dallansu AABBO Waaqa dura worra imbaaftu. Worri dandae qarsifi worqi suni soorate beelaani imbahu, wonti worra ch'ubbu keesa buuse waan suni.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan meetii ufii karaa irratti gatan; worqiin isaaniillee akka waan batti'iititti laallama; meetiinii fi worqiin isaanii guyyaa lola Rabbii isaan hin oolchu; beela isaan irraa hin balleessu, garaa isaanii hin guutu; wonti kunniin maruu sababaa cubbuu isaaniitiif isaan irra gaya.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan meetii ifii karaa irratti hin gatan; worqiin isaaniille akka waan batti'iititti hin laakkowanti. Guyyaa mufii ana Mootii Waan Maraa meeti'ii fi worqiin isaanii isaan baasuu hin dande'anu. Akka isaan yakkaa hujanu waan isaanitti te'aneef, nyaatanee ittiin hin quufanu yookiin gadhaa ifii ittiin hin guutatanu.