Ezekiel 7:20 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri duri faaya ch'uch'uluqa naqatu kanani guddo koore, Waaqoota worrale woma suniini mid'aafate. Wonti AABBO Waaqi hori worraa worrati had'eesefi suni.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Faaya bareeda isaanii ka ittiin dhaadatan waaqolee tolfamaa nama jibbisiisuu fi babbadaa ittiin hojjatan; kanaafuu faaya isaanii maraa ani isaan irratti hin jibba.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan seesa ittiin kooranu saniin, waaqota dharaa diqachiisa'aa fi waan battii hujataneeran; tanaaf waan kana mara waan battii isaanitti hin godha.