Ezekiel 8:11 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Fulla suni jaarole Israeli nama torbatama jira worra suni keesa Yaazania ilma Shafaniti jira. Worri sunini ch'ufti waan hit'aana iti aarsani, ka aari keesaa yauti jiru harkaa qaba.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bulchoonni Israa'elii torbaatamni Azaanii ilma Shaafaanii woliin achi jiran; isaan maruu girgiraa hixaana itti aarsan harkaa qaban; aarri hixaanaa ka urgaayu girgiraa san keessaa baya.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Jaarsoleen Israa'elii torbaatam fakkii san dura dhaabbataneeraniiyyu; ilmi Shaafaanii Yaazaaniyaalle odduu isaanii dhaabbateeraayyu; tokko tokkoon isaanii girgiraa harkatti qabataneeran; aarri hixaanaa hurrantaan foolee dansaa qabu girgiraa san keessaa ol ka'e.