Ezekiel 8:17 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi waan nani jed'e, Namicha, waan kana garta? Worri Yuda kunini waan hamtu atini gartu kanafi had'iisa lafa tana ch'ufa keesati baasani kunileeni worraa ingahu. Ammo worri fulla Mana Waaqa tana d'ufe waan kana tolche haga qarale ira na dallansiisa. Aka worri aka male na tufate, ch'eeraa foko naa d'abe ilaali!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ammallee Rabbi akkana naan jedhe, «Ilma namaa! waan kana arga'aartaa? baniin biyya Yihuuda'aa kunniin wonti hamaan isaan hojjata'aaranii fi hammeenni isaan biyyattii keessa babadhisa'aaran isaan hanqatee gara mana woyyu'uu kanallee dhufanii waan kana maraa godha'aa na aarsuu barbaadan; isaan attamitti akka arrabsanii fi waan isaan na aarsu'uuf godhan maraa laali!
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba inni anaan, «Ee ilma namaa! Waan kana dhaggiteertaa? Wonni battiin kolbaan Yihuda'aa asitti hujiisatti jirtu tun waan kasoo seetaa? Lafa tana hunnaan nama irratti ka'iisaan guutanee, yennaa mara akka ani aaru godhuu qabanii ree? Kunoo, isaan akka fedhane na arrassan.