Ezekiel 8:2 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani anini olmilad'e, waan aka namaa jira arge. Nafi isaa hid'aanaa gadi, ibida fakaata, ammalle hid'aanaa oli aka sibiila diima, ka rigani qulqulleesani, bibiliqa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yoo ol jedhee laalu waan nama fakkaatu ka akka arraba ibiddaa ifu arge; wonti akka namaa ka ani arge sun mudhi'ii gad ibidda fakkaata; mudhi'ii ol sibiila ibidda keessa kaayanii diimatee ifu fakkaata.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba anille ilaalee, waan nama fakkaatu tokko dhagge; waan hidha isaa fakkaatuun gad waan akka ibiddaatitti jira; waan hidha isaa fakkaatuun ol waan akka sibiila finiinee ifutti jira.