Ezekiel 8:3 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni waan aka harkaa jira d'eerefate rifeensa mata na qabe. Jennaani daayya tana keesa lubbuuni AABBO Waaqa oli na fuute, Yerusalemu na geesite, naabo Mana Waaqa garaa keesa fulla fullooni mirga fuula deefatutini na d'ufte. Fulla fullo suni waan harkaani boch'ani kad'atani, ka AABBO Waaqi aka male jibbuti jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni waan akka harka namaa fakkaatuun natti hiixatee rifeensa mata'aa na qabe; mudhatuma kana keessa Hafuurri Rabbii ol na fuudhee gara Yerusaalemii na fide; balbala dallaya qachatti'iitiin gara kaabaatiin gara bayimaa itti gad bayanii dabarsee gara hulee waaqoleen tolfamaan hinaaffaa Rabbii kakkaasu jiranii na geesse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Wonni nama fakkaatu sun waan harka namaa fakkaatu gara kiyya diriirsee rifeensa mataa kiyyaa qabe; Ayyaanni ol-gubba'aa fi lafa wodhakka'atti ol na fuudhee, addee fakkiin waaqa dharaa ta hinaaffaa kakkaachu dhaabbattu, gara balbala gara kaabaa ta seensuma badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa, mudhii Waaqaatiin gara Yerusaalemii na geesse.