Ezekiel 8:5 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waaqi waan nani jed'e, Namicha, mirga millad'i. Anini millad'e jennaani d'aatu waan sorio irati qalani, ta fulla balbala fullo jirtu, waan harkaani boch'ani kad'atani, ta Waaqi aka male jibbu arge.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi akkana naan jedhe, «Ilma namaa! gara kaabaa laali!» ani hennaa laalu hulee ciinca'aa ka balbala dallayaa afoo jiru biratti fakii hinaaffaa Rabbii kakkaasu arge.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Waaqi anaan, «Ee ilma namaa! Amma ati gara kaabaa ol ilaali!» jedhe; anille gara kaabaa ol ilaalee, seensuma karra gara addee ciinca'aatiin gara kaabaatitti fakkii waaqa dharaa ta hinaaffaa kakkaachu dhagge.