Ezekiel 8:6 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waaqi waan nani jed'e, Namicha, waan worri tae kana garta? Waan hamtu worri Israeli armati tolchu kana ilaali, ka fulla tiyya qulqullo tana iraa na fageesu. Ammo atini waan waan kana ira hamtu inagarta.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi akkana naan jedhe, «Ilma namaa! waan ta'e kana maraa arga'aartaa? waan nama jibbisiisu ka baniin Israa'elii hulee kanatti hojjata'aaran laali; isaan hujii akkanaa kanaan akka ani hulee woyyuu kiyya irraa fagaadhu na godhaniiran; waan nama saalfachiisu ka kana caalu ammaa argita.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ammalle Waaqi anaan, «Ee ilma namaa! Kolbaan Israa'elii addee woyyittii tiyya irraa na fageessiisaaf, waan battii guddittii isaan asitti hujiisatti jiranu dhaggitaa? Ammalle battii guddittii tana caaltulle dhaggu'uu jirta» jedhe.