Ezekiel 9:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojuma suni nami jaa, ka woraana qabu, balbala mirga ta Mana Waaqa ta alaatini gabahe. Worra suni woliini nama toko, ka waan woini t'aafufi waan irati t'aafule harkaa qabu, ka woya boofta keeyatuti jira. Worri kunini ch'ufti d'ufe d'aatu waan sorio irati qalani, ka sibiila diimani mid'aasani, ejaanje.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namoonni jahaa meeshaa waa ajjeesaniin qabatanii gara balbala gubba'aa ka gara kaabaatiin dhufan; isaan keessa nama uffata gad diratan uffatee meeshaa barreessaniin cinaacha tokkotti qabateerutu jira; namoonni jahanuu ol seenanii hulee ciinca'aa ka sibiila diima'aa bira dhaabatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namooti jaa tokko tokkoon isaanii meya woraanaa harkatti qabatanee, karaa karra gubba'aa ta gara kaabaatiin dhufane; isaan woliin nami woyaa quncee talba'aa irraa hujante uffatee, subba meya woy ittiin barreessanu qabu fannifateeru tokko jiraayyu. Namooti jaanuu seenanee addee ciinca'aa ta sageettuu irraa hujante bira dhaabbatane.