Ezekiel 9:3 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani ifsaani bibiliqu, ka aka Waaqi Israeli arti jiru garsiisu kaani, waan lubbu qaba ka koola kaani fulla qara jiru taani iraa kae, gara balbala Mana Waaqaa deeme. AABBO Waaqi namicha woya boofta keeyatu kaani yaame waan jed'eeni,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan kanaan maayessa falaqqifni ulfinna Waaqa Israa'elii mudhisu Kiruubeelii dura irra jiru san irraa ka'ee gara balbala mana woyyu'uu dhaqe; Rabbi namicha uffata gad diratan uffate ka meeshaa barreessaniin harkaa qabu san waamee,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba ulfinni Waaqa Israa'elii, addee qara jiru dada ol-gubba'aa ta koola qaddu irraa ka'ee, gara gulantaa Galmaa dhaqe; achiin duuba Mootiin Waan Maraa namicha woyaa quncee talba'aa irraa hujante uffatee, subba meya waan woy ittiin barreessanu qabu fannifateeru san waamee,