Ezra 10:14 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jaaroleeni teenna ha Yerusalemu keesati dubbi suni qorqoratu. Duuba nami nad'eeni gosa d'ibi fuud'e, yo yaamani, ha guyya qabatanifiti jaaroleeti jaallaboota dira isaa woliini d'ufuti. Akanaani Waaqi ka qara maro waan kanatifi nuti dallane dallansu ufi taani galfata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
kanaafuu bulchoonni keenna bikka bani'ii Waaqa afoo haa dhaabatanii; sababaa kanaaf lolli Waaqa keennaa akka nu irraa deebi'u, worri dubbartoota nyaaphaa fuudhan ka qachaa keenna keessa jiran maruu guyyaa haaganaan itti qabametti haa dhufanii; jaarsonni qachaa keessa jiranii fi abboonni murti'ii isaan woliin haa dhufanii.» jedhaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf, sooreyyiin teenna gumii baate tana mara bakka buutee, dubbii tana ilaaltuu ti. Achiin duuba mufiin Waaqa keennaa jadduun ta marroo dubbii tanaatiif nutti dhutte tun haga nu irraa deebitutti, qachaa keenna keessatti worri dubartii orma fuudhe martinuu jaarsole'ee fi abbootii mura'aa ta qachaa qachaa ifii woliin guyyaa qabatanetti dhufanuu ti!» jedhane.