Ezra 10:3 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Amma nu Waaqa keennati kakhanna, aka nu nad'eeni tanaafi ilmaani isii tanale galchinu. Nu waan siifi jari Seera Waaqa jabeese gula yau kaani nuni jed'u intolchina. Nu waan Seeri Waaqa jed'u intolchina.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Amma akka ajaja Gooftaa kiyyaatii fi akka gorsa worra Waaqa keennaa sodaatuutitti dubaraa fi daa'imman isaan irraa dhalatanillee maraa uf biraa galchu'uuf Waaqa keenna woliin waadaa haa galluu; wonti kun akka seeraatitti haa raawwatamuu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre amma nuuti akka gorsa si goottaa kiyyaatii fi akka gorsa worra ajaja Waaqaa sodaatanuutitti dubartoota tana ijoollee isaanii mara woliin ifi biraa geegessiisaaf, Waaqa keenna duratti wolii galluu ti. Tun akkuma seeraatitti teetuu ti.