Ezra 10:9 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyya sadeeni suni keesati, guyya diddameeso ka jia sagaleeso, nami d'iira ch'ufti, ka Yudatifi ka Benjamini, Yerusalemu d'ufe diida Mana Waaqa durati wolti bahe. Maro dubbi jajabdu taatifi, ammalle maro guyya suni bokeeni tamni roobeefi, biyyiti guddo holate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Uduu guyyaan sadihii hin lufin ji'a sagaleesso'oo guyyaa diddameesso'ootitti worri Yihuuda'aatii fi worri Biiniyaamii maruu Yerusaalemitti wol gayan; baniin maruu waan kanaa fi sababaa Rooba gudda'aatiif hollata'aa hulee itti gad bayan ka mana Rabbii afoo jiru taa'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyaa sadiin san keessatti namooti Yihuda'aatii fi namooti Beniyaaminii marti Yerusaalem keessatti wolitti qabamane; ji'a sagaleesso'oo, guyyaa diddameesso'ootitti namooti martinuu dhufanee badhinna Galma Waaqaa dura jiru keessa tee'ane. Sababa haajaa wolitti qabamaneetii fi sababa roobaatiif hollatane.