Ezra 3:10 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jari Mana AABBO Waaqa yayabe jennaani qaaloleeni ubaara ufi d'ed'eera kaani naqate, magalata guurate d'ufte. Worri Lawi ka balbala Asafuleeni bilbila guurate d'ufe. Aada Daudini duri baase gula worri ch'ufti ejaanje, AABBO Waaqa faarse,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa worri mana qulqulluu Rabbii ijaaran jalqaba ijaarsaa dhaaban; gadoonni uffata ufii uffatanii, xurumbaa ufii qabatanii ijoolleen Asaafii Leewwonni sibiila shaka shaka jedhu qabatanii akka seera Daawitii mootii Israa'eliititti Rabbiin galatoonfachu'uuf dhaabatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri ijaaru hundee Galma Mootii Waan Maraa yennaa keyane, akkuma mootichi Israa'elii Daawiti ajajetti, hayyooti woyaa hayyummaa ifii uffatanee, tultullaalle qabatanee, Lewwooti ilmaan Asaafii sibiila qilillisu qabatanee, Waaqa leellifatiisaaf, addee addee ifii qabatane.