Ezra 3:12 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jaaroleeni qaaloleetifi ta Lawitifi ta mata balbala gosa, ta Mana Waaqa ka duri kaani garte, Mana Waaqa ka yayabani arginaani mata qabate boote. Ammo worri achi jiru kaani ch'ufti aka male gammade qilit'ame.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Manguddoonni mana woyyuu duraa argan, worri gadootaa hedduu fi worri Leewwotaa bulchoonni manni abboota isaanii hennaa isaan afo'otti manni kun jalqabame guddisanii booyan; namoonni hedduu gammadanii iyya'aa turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maanguddooti hayyootaa, Lewwootaatii fi sooreyyiin maati'ii worri Galma Mootii Waan Maraa ka durii dhagganeeranu marti, yennaa hundee Galma Mootii Waan Maraa kana dhaggane, qoonqoo guddo'oon bowane; namooti dhibiin hedduun ammoo qoonqoo ifii ol qabatanee gammadaan ilillisane.