Ezra 3:2 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Yoshua ilmi Yosadakitifi qaalole wahela isaatiifi Zerubabeli ilma Shealtieltifi, fiit'a isaa woliini, waan Waaqa Israeliti sorio irati baasani mid'aasani jaarani, aka waan suni irati sorio gubani baasani, aada namichi Waaqa ka Musa jed'ani t'aafe gula.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ilmi Iyyooseedeeqii Iyyaasuunii fi hiriyyoonni isaa gadoonni, ilmi Salaatiyaalii zarubaabeel obboleewwan ufii woliin ka'anii akkuma Seera Muusee nama Rabbiitiin barreeffametti ciincaa ciincawu irratti dhiyeessu'uuf hulee ciincaa irratti dhiyeessan Rabbii Waaqa Israa'eliitii hojjatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba ilmi Yozaadaaqii Iyaasuun, hayyooti akka isaa, Zarubaabeliin ilmi She'altii'eliitii fi obboleeyyan isaa, akkuma seera Muusee nama Waaqaa keessatti barreenfatte, kennansa gubamu irratti dhikeessiisaaf, addee ciinca'aa ta Waaqa Israa'elii ijaariisa jalqabane.