Ezra 3:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Biyyiti beese ogeeyi d'akhaatifi ta mukhati baafte, ammalle waan nyaatanifi ka d'uganifi d'ad'ale baafte, dira Tirotifi ka Sidoniti ergite, hind'eesa Lebanoni, ka bisaani Baariini gula dira Yafatini d'ufani, iraa bitate. Waan kana ch'ufa jecha hayyu Ajemi ka Koreshi jed'ani, gula tolchani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worra muka bocuu fi worra mana ijaaruu birrii kennan; akkuma mootiin Faarisii isaan ajajetti muka hindheessaa biyya libaanoosiitii galaana gubba'aan gara Iyyoophe'ee akka fidan namoota biyya Siidoona'aatii fi namoota biyya Xiroosiitii waan nyaataa, waan dhuganii fi sayitiillee kennaniif.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolbaan worra dhakaa bocuu fi worra muka bocuufiille beesee kennite; akkasuma akka ajaja Qiirosii mooticha Faaresiititti jigeessa hindheensa Libaanosii haga Yophe'eetitti abbaayaa irra akka fidanuuf, namoota Sidooniitii fi Xiiroosiitiifille sagalee, daadhii woyni'iitii fi zayitii ejersaa kennane.