Ezra 3:8 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba akanaani worri huji ijaarsa Mana Waaqa jia lameeso, ka ganna lameeso, ka worri Yerusalemuti gale, jala qabate. Zerubabeli, Yoshua, nami gosa worraa ch'ufti, qaalole taanaani, worra gosa Lawi taanaani, nami boojiani gale ch'ufti haguma gaunu, wolti bahe huji suni hojatte. Nama gosa Lawi, ka ganna diddamaati oli ch'ufa, huji ijaarsa Mana AABBO Waaqa suni mataa iti tolchani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gara mana Rabbii ka Yerusaalemiin keessa jiruu haga dhufan woggaa lammeesso'oo keessa ji'a lammeesso'ootitti ilmi Salaatiyaalii Zarubaabeel, ilmi Iyyooseedeeqii Iyyaasuun, hiriyyoonni isaanii worri hafan gadoonninii fi worri Leewwotaa, worri booji'amee gara Yerusaalemii dhufan maruu ijaaruu jalqaban; worra umuriin isaanii woggaa diddamaatii fi ka achii olii hujii mana Rabbii akka hojjachiisaniif worra Leewwotaa muudan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gara Yerusaalemii addee Galmi Waaqaa dur jiru sanitti deebi'anee woggaa lammeesso'oo, ji'a lammeesso'ootitti, ilmi She'altii'elii Zerubaabel, ilmi Yozaadaaqii Iyaasuun, kolbaan dhibiille, hayyootii fi Lewwooti, worri boojuu irraa gara Yerusaalemii deebi'e martinuu hujii jalqabane. Hujii ijaarsa Galma Waaqaa irra deddeemanee akka toowatanu, Lewwoota woggaa diddamaatii fi woggaa diddamaa olii mara filatane.