Ezra 4:12 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ee hayyicha wonti nu si beesisu feenu, worri Yahudi ka gara keesani fulla teenna d'ufe, yayu Yerusalemu qubate, dira hama, dubbi hayyu didu suni, jaaru jirani. Worri naabo yayabe jaaru jira, d'iotu hobaasa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
worri gosa Yihuudi'ii ka si biraa bayan gara keenna gara Yerusaalemii akka dhufan ati mootichi beeki; isaan qachaa hamtu'uu fi ta guddiftee baddu'uu deebisanii ijaara'aaran. Dallawa isi'iillee hin haarawoomsa'aaran; jalqaba isi'iillee jabeessaniiran.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yihudooti si biraa gara keenna dhufane, Yerusaalem dhaqanee qachaa worra finqila'aatii fi hama'aa deebisanee ijaariisatti jiran; dalleya isi'ii deebisanee ijaariisatti, hundee isi'iille dhaabiisatti jiran. Kun si mooticha biratti beekkamuu ti.