Ezra 4:13 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ee hayyicha, yo dira kana akuma duri kaani jaarani naabo oosa imbaaftu duuba akasiini horini hayyuuni lafa suni iraa argatu indiqaata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu mootii keenna! yoo qachaan tun deebitee ta ijaaramtu taate, dalloofni isi'iillee yoo ka haarawoomu ta'e; baniin gibira, qaraxaa fi kennaallee akka hin kennine; galiin mooti'ii galu akka dhidhatu mootichi haa beekuu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qachaan kun yoo ijaarame, dalleenni isaalle yoo deebi'ee ijaarame, kolbaan Yerusaalemii gibiraa fi qaraxa, beesee waan adda addaatiif baasanu hin dhooggatan; tanaaf galiin mootumma'aa akka diqqaattu, si mooticha biratti beekkamuu ti.