Ezra 4:15 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
aka atini waan duri ababooti tante t'aafte olkeete ch'ufa laaltu. Yo laalte, atini aka diri kunini haguma duriti hayyufi worra gugurda lafa mohatu ch'ufa dide gaargalchu inagarta. Nami isaaleeni haguma duriti waan nami dandauniti, durile qara tanaafi dira kana balleesani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kitaabni seenaa abboota keetii haa qoratamuu, kitaaba seenaa abbootaa kana keessatti qachattiin tun dhibduu akka taate, moototaa fi worra godina bulchanillee akka miite, shiftaa ta'uun dur isii irraa akka jalqabame hin beetta; hin argitalle'e; kanaaf qachaan tun diiggamtee turte.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre galmeen abbootii teetii ta durii, qorqorantee ilaalantuu ti; qachaan kun qachaa finqilaa, ka moototaa fi kutaa biyyaa rakkise; durumaa jalqabee addee worri finqilaan keessa le'u akka te'e atinuu hin dhaggita; qachaan kun sababa kanaaf bade.