Ezra 4:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gara Zerubabelifi jara balbala gosati mataa d'aqani waan jed'aniini, koota, takaa taane, mana kana woliini jaara. Nu Waaqa takaa kad'anna, ammalle haguma duri Esar-Hadonini, hayyuuni Ashuru, armaani nu d'ufe, nu sorio Waaqa suni baasu jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
gara Zarubaabeliitii fi gara bulchoota gosa isaanii dhiyaatanii «Guyyaa mootiin Asoorii Asraddoon as nu fide irraa jalqabnee Waaqa keessanii ciincessa'aa turreerra; nullee mana woyyuu isin woliin haa hojjannuu» isaaniin jedhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
gara Zerubaabeliitii fi sooreyyii maati'ii dhaqanee, «Nuutille akkuma keessan Waaqa keessan waaqonsuu barbaanna; haga bara Esaar-hadon mootiin biyya Asoorii as nu fidee jalqannee, Waaqa keessaniif ciincaa dhikeessaa turre; tanaaf, Galma Waaqaa isin woliin ijaaruu ti» jedhane.