Ezra 4:3 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Zerubabelifi Yoshuafi jaaroleeni balbala gosati mataa waan jetteeni. Nu qarqaarsa keesani infeenu, aka Mana AABBO Waaqa keenna woliini jaaru. Nu mata keennati jaara, akuma koreshini, hayyuuni Ajemi nuni jed'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Garuu Zarubaabelii fi Iyyaasuun, gofti Israa'elii worri hafanillee «Nuu fi isin mana Waaqa keennaa wolitti hin ijaarru; nu hojjuma keenna akka mootiin Faarisii Qiroos nu ajajetti mana Rabbii Waaqa Israa'elii ijaarra» isaaniin jedhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Zerubaabel, Iyaasu'uu fi sooreyyiin maatii Israa'elii ammoo deebisanee, «Isin Galma Waaqa keennaa nu woliin ijaariisaaf qooda hin qaddanu; akkuma mootichi Faaresii Qiiros nu ajaje, Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'eliitiif Galmaa Waaqaa ka ijaaru nu qofa» jedhane.