Ezra 4:9 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri tatabe tana t'aafe kana: Namicha gudda Rehumu jed'ani, namicha tatabe t'aafu ka Shimshai jed'ani, Wahela worraati, jaallaboota ammalle jaarole iraa hafte taani ch'ufa, ta duri lafa Erikiti, Babiloniti, Susa lafa Elami keessa d'ufte,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ajajaa Reehuumii fi barreessaa isaa Siimsaayiin irraa, akkasuma worri isaaniin wolii galan, worri gosa Diinii, worri Afarsaatikootaa, worri Arkootaa, worri Xarfaalotaa, worri Baabiloonii, worri gosa Suusinaakotaa, worri Deehotaa, worri Eelaamotaa;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Xalayaan sun bulchaa Rehuum, barreessaa bulcha'aa Shiimshaay, worra isaan woliin huju abbootii mura'aatii fi qondaaltota, Faaresii, Erekii, Baabiloniitii fi worra Elaamii ka Suusaa keessaa,