Ezra 5:14 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni miha worqitiifi ka qarsi, ka duri Nebukadrezani mana Waaqa isaa ka Babiloni jiruti geese, deebise, miha suni gudda lafa Yuda tolcheti kenne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Meeshaa mana Rabbii ka birri'iitii fi ka worqi'ii ka mootichi Nabukadanatsoor Mana Woyyuu Yerusaalemiin keessa jiruu fuudhee gara mana qulqulluu Baabilooniin keessa jiruu fide, mootichi Qiroos mana qulqulluu Baabilooniitii baasee nama muudamaa Sasaabisaar jedhamutti kennee,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni meya worqi'iitii fi meeti'ii ka Galma Waaqaa, ka Nebukadnezaar Galma Waaqaa Yerusaalem keessa jiru keessaa fuudhee, galma waaqota dharaa ka worra Baabilonii keessa keyeeru, gad baase; achiin duuba meya san namicha akka inni biyya Yihuda'aa bulchuuf filate, Sheshbazaaritti kenne.