Ezra 5:8 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ee hayyicha, atini beekhu malte, aka nu lafa Yuda d'anne, Mana Waaqa gudda ka d'akhaa gugurdafi mukhaani jabeesani jaaru jirani argine. Huji suni guddo jabeesani dura deemsisu jirani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gara biyya Yihuuda'aa gara mana Waaqa gudda'aa akka dhandhe mootichi haa beekuu. Inni dhagaa gugurda'aa fi muka bocameen ijaarame, girgiddaa keessaa muka bocame godhan; hujiin mana saniillee harkuma isaaniitiin daddafee hojjatama'aara.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nuuti gara kutaa biyya Yihuda'aa, gara Galma Waaqa gudda'aa akka dhandhe si mooticha biratti beekkamuu ti; kolbaan Galma Waaqaa keessa dhakaa gugurda'aa fi xawulaa mukaatiin dhaaba Galma Waaqaa deebittee ariiti'iin jabaattee ijaariisatti jirti.