Ezra 6:14 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jaaroleeni Yahudi huji Mana Waaqa suni aka dansaa jabeesite dura deemsifte, gorsa raaga Hagaifi Zekaria gula. Worri jecha Waaqa Israelitiifi Koreshifi Dariofi Artashasta hayyoota Ajemi gula Mana Waaqa jaare hobaase.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jaarsonni biyya Ayihuudi'ii raaga raatticha Hage'eetii fi raaga raatticha fiixaa Ado'oo Zakkaariyaasiitiin ijaaran, isaanii qajeelelle'e. Akka ajaja Waaqa Israa'elii, akka mootota Faarisii, akka mooticha Qiroosii, akka ajaja Daariyoosiitii fi akka mooticha Arxeeksisiititti ijaaranii raawwatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre Jaarsoleen Yihudootaa raaga raagicha Haage'eetii fi raagicha Zakaariyaasii sanyii Iddootiin jajjabaataa Galma Waaqaa ijaariisa itti fufane; isaan akkuma ajaja Waaqa Israa'eliitii fi akkuma ajaja mootota Faaresii Qiiros, Daariyosii fi Artashaasta'aatitti hujii Galma Waaqaa hobbaasane.