Ezra 6:22 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyya torba ch'ufa worri jila Qit'a bukho inqamne gammadani tolfate. Wonti worri gammadeefi, waan AABBO Waaqi hayyu Ashuru worraa naasise, innileeni ijaarsa Mana Waaqa Israeli keesa worra qarqaareefi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootichi biyya Asoorii akka manni Rabbii ijaaramuuf isaan haa jajjabeessu'uuf Rabbi onnee isaa gara isaanii deebisee waan isaan gammachiiseef ayyaana xorosho'oo haga guyyaa torbaa gammachu'uun ayyaanteeffatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akka inni hujii Galma Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii isaan qarqaaruuf, Mootiin Waan Maraa gadhaa mooticha Asoorii gara isaanii deebisee, waan isaan gammachiiseef, jila daabboo uukoo hin qannee guyyaa torba gammada gudda'aan jilifatane.