Ezra 6:3 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ganna qara ka Koreshini hayyu tahe, inni seera baase waan jed'e, Mana Waaqa ka Yerusalemu ha mid'aasani jaarani keesati Waaqa wo baasani, soriole gubaniti. Mana suni, d'eerinni isaa ha d'und'uma jaatama tahuti ballinnileeni ha hagasuma tahuti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootichi Qiroos mooyee woggaa jalqabaatitti «Huleen ciinca'aa ka mana Rabbii ka Yerusaalemiin keessa jiruu itti dhiyeessan haa hojjatamuu, bu'uura jaba'aan haa jalqabamuu, dheerinni isaa ciqilee jahaatama, dalgi isaallee ciqilee jahaatama haa ta'uu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Qiiros mootii te'ee woggaa tokkeesso'ootitti marroo Galma Waaqaa ka dur Yerusaalem keessa jiruutiif ajaja baasee, ‹Galmi Waaqaa akka ciincaan itti ciinceffamuuf, deebifamee akka ijaaramu hundeen isaa keyamuu ti; dheerinni isaa ciqilee jaatama, badhinni isaalle ciqilee jaatama te'uu ti.