Ezra 6:8 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini amma seera baasa, aka isani jaarole Yahudi tana ijaarsa Mana Waaqa qarqaartani gibira hayyuuni lafa Efrati suni argatule ha hurrisani baasani Mana sunini jaaraniti, aka hujini suni dura deemtu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mana Rabbii kana akka ijaaraniif wonti isin jaarsota biyya Ayihuudi'iitiif gootan gibira biyya laga Efraaxisii gamaa dhufu, birrii mooti'ii keessaa baasii akka isaanii gootan, hujii kana jabaatanii akka hojjatan hujii akka isaan hin hiissifne ajajeera.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kana maleelle, deebisanee ijaariisa Galma Waaqaa kanaaf jaarsolee Yihudootaa tanaaf isin maan akka gootanu isin ajaja; hujiin Galma Waaqaa akka hin dhaabbanne, beesee worri kutaa biyya laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentu jiru, mootumma'aaf gibira gabbare keessaa, ariiti'iin wonni isaaniif barbaachisu guutumatti isaaniif kaffalamuu ti!